SEENSA
Warraaqsi Sab-boonummaa Oromummaa tii fi Kaayoon hiree murteeffannaa Oromoo dhibdee keessaa waliin dhalatee, baadhatee, tirataa ardha gayee jira. Ardhas ebeleen keessaa kun daran itti jabaataa deeme malee irraa hinfayyine. Qabsoon Oromoo dhibdee keessaa tiin xaxamee qabamuu isaa hanga guyyaa Qaanqeen Bosonaa, ummata fi qabsaa'ota Oromoo tiif ifa baasetti, waayee dhibdee keessaa dubbachuun yakkaa fi laguu ture.
Qaanqeen Bosonaa wareegama barbaachisu akka baasuu qabu amanee, dhibdee dhaaba keessaa saaxiluu jalqabe. Ammas akkuma kaleessaa, hirgii ukkaamsitootaata alaati fi keessaa tiif odoo mata gadi hin-qabatin, dirqama mijuu dhibaafatee jalqabe san ammallee hamilee oow'aan itti fufa. Akkuma asiin dura jedhaa turre, qabsoon Oromoo qaarriffaa diina alaati fi diina keessaa tiin ciniinamee dhiiga coccobsaa ardha dhaqqabe.
Dhibdeen keessaa kun, uumaa tokko kan garuu bifa sadooyyee of-keessaa qabu qaba. Qabsoon Oromoo, dhibdee takkooyyee kan garuu sifa sadooyyee qabu baadhatee, "essaa ka'ee essa gaye?", "ardha garam deemaa jira?", " boru hoo essaa heda?" gaafiwwan jedhan gingilchinee atantarra, Qaanqee Bosonaa maxxaansaa kana keessatti.
Dhibdeen amma ifa bayee jiru kuni, bifti isaa sadooyyee haa tawu malee uumaan isaa takkooyyee dha. Jecha biraa tiin, 'hadhaa boolla tokko keessaa okolee sadihitti waraabame' jechuun ni dandayama. Hadhaan okolee tokkoo, ilaalcha hiree murteeffanaa qobxumaa (egoism), hadhaan okolee lammataa ilaalcha sab-boonummaa meeshummaa ( instrumental nationalism) fi okoleen sadaffaa ammoo ilaalcha wal-ukkaamsaa(totalitarianism) siyaasaa ti. Gaafii uumaa fi bifa dhibdee yookin hadhaa kana irratti dabalee, hadhaan kun muummee kam irraa waraabame gaafiin jedhu hirpha guddaa qaba.
Akka qormaatni seenaa dhugaa ragaa bawutti, maddi dhibdee bifa sadeenii kun aadaa saba Oromoo keessaa miti. Aadaan Oromoo, keessuttuu Sirni Gadaa Shananii, hadhaa fi dhibdee kana irraa walaba. Jaalannus jibbinus, hadhaan macaroo qabsoo Oromoo keessa seenee nu dhoru (yarsu) kun gadaamessa sirna bittaa alagaa keessaa waraabame.
Ammas gaafiin biraa, "hadhaa kana eennutu okolee Oromoo-tti waraabee, warraqsa sab-boonummaa Oromummaa tii fi kaayyoo hiree murteeffannaa Oromoo tiin summa'eese?" kan jedhu taya. Deebiin qabatamaan gaafii kanaa, jaalannus jibbinus, 'namootaa fi murnoota mana barmoota alagaa keessatti hadhaa kanaan dheengi'amanii, osoo xurii dil'uu gadaamessaa sirna alagaa keessa itti gangalatan of irraa hin-dhiqin, haramuu isaanii baadhatanii qabsoo Oromoo-tti makamantu ,dhibdee kana qabsoo Oromoo keessa seensise'.
Namootaa fi murnootni tokko tokko dhibdeen kun 'sab-boonummaa Oromummaa tii fi kaayoo walabummaa keessaa madde' jedhanii ummata dogoggorsuu barbaadan. Keessattuu warri ilaalcha Itoophiyummaa ti fi waaltessummaa (Ethiopianism & Centrism) qaban, sab-boonummaa fi kaayyoo bilisummaa akka waan burqaa hadhaa kana ta'eetti fakkeessanii qabsoo nu lagachiisuu fedhan. Qaanqeen Bosonaa, daga-baaftota Itoophiyaa ti fi gabeelchota/diqaalaa isaanitiin mormaa, siinqee yookin siiqee ganyaa Oromoo qabatee, akkana jedhaan: "Loolloo/ hadhaa barcumaa jalaa bayi! Biyya abbaa barcumitti si geessaa! barcumaan si garagalcha"(dhibdeen teessan matama keessanitti haa deebitu!").
Hadhaa/dhibdee sadeen irranatti tarreessine kana kophatti baafnee qoricha itti soquuf/ barbaaduuf, dura maddi isaa ilaalcha sab-boonummaa Oromummaa ti fi kaayyoo walabummaa irraa ala tawuu isaa calleessinee hubatuu qabna. Kanaafuu, hadhaa kana babbay'sinee cinaacha isaa tokko tokoon xiinxalluu keennaan duratti, qaama jabaa fi laafaa sab-boonummaa waligalatti laalla. Achiin booda, hadhaan kun qabsoo bilisummaa Oromoo garamitti oofaa jira ijoo jedhutti deebina. Dhuma irrattis furmaata isaa akeekuu yaalla.
Eessumattuu/bakkayyuttuu, sab-boonummaan cunqursaa fi roorroo irraa madda. Akkuma uumaa kamiiyyuu, sab-boonummaan qaama jabaa fi laafaa qaba. Muummeen saboonummaa, sochii farra cunqursaa sabaa ta'uu dhaan tokkummaa saba tokkoo itichee, biyyoota walabaa fi mootummoolee birmaduu ijaaruu dandeesisiisuun isaa qaama jabaa dha. Gara biraatiin ammoo, haala faana daddaaqee dhodhommoquu fi akka gaararraa bifa jijjiirachuun, qaama laafaa sabboonummaa ti. Qabxii kana gulana bal'inaan waan itti deebinuuf, amma dhibdee sadeen keessaa hangafa kan taye, yaada qobxummaa ilaalla.
1.Ilaalcha Hiree Murteeffannaa Qobxummaa
Seenaa ilma namaa keessatti, ilaalchi qophxummaa jireennaa dheeraa qaba. Dhaloonni ilaalcha kanaa, seenaa qor-uumama (philosophy) hawwaasaa wajjiin walitti hidhata. Hennaa jalqabaa tiif, qorataa yaada-namaa kan maqaa Descates jedhamuun beekamutu falaasama qobxummaa maddisiise. Innis "namni tokko mataa isaa qofaaf yookin callaaf yaaduu qaba" kan jedhu ture. Yaadni isaa sunis, ilaalcha nama yookin murna hawaasa irraa citee aaddatti yookin kophaatti haafee ( disengaged rationality) jedhamee beekama. Nama kanattis aansee, hayyuun qormaata siyaasaa kan maqaa Locke jedhamuun waamamu, "fedhiin nama tokkoo dantaa fi hawwii hawaasaa dura aanuu qaba" jedhee yaada isaa babal'ise. Yaadni qobxummaa kuni oolee bulee gara yaada ilaalcha hiree murteeffannaa nama tokkoo-tti jijjiiramaa dhufe. Keessattuu, jaarraa amma keessaa jirru kana keessatti yaadni kun ol'aantummaa argatee hawaasa adduniyaa liqimsaa jira. Nu sabni Oromoo-llee galaanuma kana keessa daakaa jirra.
Ilaalchi carraa murteeffannaa nama tokkoo cinnaacha jabaallee akka qabu, beektonni siyaasaa hin-haalan. Akka nama tokkotti, warra "anatuu siif beekaa afaan cuqqaala dhuu akka an jedhetti buli!" jedhanii ilma nama faanshomsuu barbaadaniif, ilaalchi hiree murteeffannaa-qobxummaa ulee guddaa dha.Garuu, ilaalchi kun yoo daangaa mirga nama tokkoo cabsee gara yaada "ani yoo du'e coqorsi hin margin" ( ilaalcha beeyladaa) jedhutti jijjiirame, dhukkuba ajjeesaa dha.
Yaadni qobxummaa kuni kaleessaa golgaa qabsoo Oromoo haguuggatee keessa keessa utuu itti hin dammaqamin akka xiinxanaa fi daanawoo-tti nu caccabsaa ture. Ardha garuu kal'oo ittiin marame mulqatee qaata ifa baye. Hundumtuu ajandaa mataa isaa guduumfatee gulufaa jira. Kan biraa, abdii hegeree qabsoo Oromoo irra qabu kutee maratee taa'a. Kan kana irraa hafe ammoo, Oromummaa tooftaa daldalaa tii fi kooraa aangoo ittin yaaban godhatee asii fi achi galda'a.
Garuu, dhugaan sabboonaa fi qabsaawaan Oromoo dagatuu hin-qabne ni jira. Yoo nuy rakkoo lammiiwwan keennaa irratti gurra cuqqaalannee, daldala siyaasaatiif bunnaaqaa dantaa dhoksaatiif jirraa fi wirrijjaa buunu, jiruun hadhooftuun saba keenna liqimsaa jiraachuu isiiti. Kan kaayoo Oromootiif hidhame akka waan yaka hojjatee hidhameetti, kan isa baqatu malee kan isa gaafatu hin jiru. Kan biyya isaa jiraachuu dadhabee baqate, nama "duutee moo jirta" isaan jedhu hin qabu. Kan dirree waraanaa-tti diinaan wal-hudhaa jiru, hogganni "galaa qabdaa?" jedhuun hin jiru. Kan Oromoo bilisa baasa jedhee harkaa miila dhabe, irkoo takka malee hafee kophaa isaa gangalata. Yaa dhukkuba qobxummaa siif safu! Oromoo-lleef heessee!
Ilaalchi qobxummaa kun kana callaa-irratti hin dhaabbanne. Haguuggaa biraa jalatti, tooftaa gabeelchaa biraa dhalchaa jira. Innis ilaalcha sab-boonummaa meeshummaa ti. Mee yaada kana gabaabsinee walumaan xiinxallina.
2. Ilaalcha Sabboonummaa-Meeshummaa (Instrumental Nationalism)
Akkuma ilaalchi hiree murteeffannaa qobxummaa qora-malaa (psychology) fi taligaa kiyyoo gabrummaa irraa maddu, ilaalchi Oromummaa-meeshummmaa illee ilaalcha qobxummaa irraa madda. Yaadni qabsoo fi sab-boonummaa Oromummaa kortoo aangoo ittiin yaabanii fi seedata dantaa kophaa ittiin tuullatan godhachuu, qaama laafaa sab-boonummaa tiin gargaarama.
Sab-boonummaan, amala gaararraa qabaachuun isaa seenaa sabootaa keessatti mirkanaayee jira. "Nationalism is chameleon" jedhama. Mee dhugaa ragaa qabatamaan deggerame kana mooyxatnoo sab-boonummaa biyyoota addunyaa tokko tokko kaafnee haa laallu:
Biyya Xaaliyaanii keessatti, murni Duchee Mosoloonii tiin geggeessame, sab-boonummaa Xaaliyaanummaa kakaasee 'faashistummaa' dagaagse. Biyya Jarmanii keessatti, murni nama Hitlar jedhamuun dursame, sab-boonummaa Jarmanummaa dammaqsee 'Naazistummaa' babal'ise. Sababaa kanaatiin Awuroopaan guutuun jeeqame. Lubbuun nama kummatama-tti lakkaawamuu harca'ee, qabeennii kumaa-kitilatti heregamu cala'e. Godina Awuroopaa Barii, biyya Ruusiyaa keessatti murni 'maafiyaa' sab-boonummaa golgatee aangoo irratti of muude.
Jeeqamni ardha biyyiti Ruusiyaa keessatti argamtu ragaa mul'ataa dha. Baha Afrikaa keessatti, murni Wayyaanee Tigraayiin hogganamu sab-boonummaa Tigirummaa gara Of-tuulummaa Tigirummaa-tti jijjiiree Impaayera Toophiyaa dhaale. Fakkeenna akkanaa heddu tarreesuun ni dandayama. Ijoon dubbii, sab-boonummaan Oromummaa-llee yoo kaayyoo saba bal'aa tiin masakamee hoggana dantaa ummata Oromoo-tiif dhugamaan of-waregeen hin durfamin, murnoota akeeka dhokataa qaban aangoo irratti olbaasuun isaa hin oolu. Haalli hennaa ammaan tanaa qabsoo Oromoo mudate illeen, sab-bonummaan Oromummaa kaayyoo ganama eebbifatee ka'e irraa gara Oromummaa meeshummaa-tti jijjiiramaa dhufuu isaattu mul'ata.
"Qabsoon bilisummaa Oromoo maaliif qancarte?" gaafiin jedhu utuu sab-boontotaa fi qabsaa'ota Oromoo sammuu nyaataa jiru, haalli dhiyeenna kana Dirree Qabsoo Kibba Oromiyaa keessatti dhalate, sab-boonummaan Oromummaa dhugama akkuma jedhame meeshaa bilisummaa ummata keeynaa ittiin barbaadnu tayuun hafee, meeshaa akeeka murnoota aangoo-f dheebotanii tawuu isaa calaqqisa. "Dhugamaan, balaan dhiyeenna kana Boorana keessatti lubbuu qabsaa'ota heddu galaafate dantaa ummata Oromoo tarkaanfachiisuu dhaafii? Qawween diina Oromoo sodaate akkamitti dhiiga Oromoo dhangalaase? Dhugama sab-boonummaa Oromummaa guddisuufii ?" Deebii gaafilee kanneenii, hordoftoota dhugaaf jecha Qaanqee Bosonaa faana bu'aa jiraniif dhiifna.
Ilaalchi sab-boonummaa meeshummaa balaa daangaa hin qabne qabsoo sabaa irratti fida. Hundeen isaa ilaalcha qobxummaa irraa margee, sab-boonummaa dhugaa kolaasee gara ukkaamsaa siyaasaa-tti geeddarama. Dhuma irratti, balaan sab-boonummaa meeshummaa fidu sab-boonummaa dhugaa kolaasuu dhuwwaa irratti hin dhaabbatu. Dhibdeen kun, daandii qabsoo bilisummaaf godhamu hundumaa cufee, abdii hegeree ummataa dukkaneessee ilaalcha jilbiifatanii buluu moosisa.Dhugumaan yoo dubbatne, murnoota karoora dhoksaatiif hojjatan giddutti wirrijjaan deemu hamilee qabsaa'ota Oromoo hin kolaafnee? Qaanessee mataa gadi hin qabachiifnee? Gurmuu ummata Oromoo hin hoffeessinee? Ammallee, deebii gaafiiwwan kanneenii qaabsaawaa xiiqiin garaan isaa gubatuu fi samuun isaa laalatuuf dhiifna.
kkuma asii olitti gilgaaluuf yaalle, dhibdeen qobxummaa, shekkeeree sab-boonummaa-meeshummaa dhale. Shekkeereen kunilleen sadarkaa gulantaa qabsoo bilisummaa dhaamsu irra gayee jira.
Akka mooyxeffatnoon qabsoo sabaa agarsiisutti, murni akeeka faallaa walabummaa saba bal'aa qabu dhumma irratti ukkaamsaa siyaasaa jalqaba. Akkaataan qabsaa'otni Oromoo tii fi jaarmayoonni Oromoo ittiin ukkaamaman dhugaa kana mirkaneessa. Gamaaggama itti aanu keessatti ilaalcha wal-ukkaamsaa Siyaasaa mil'atna.
Ilaalcha Wal-ukkaamsaa Siyaasaa
Murnoonni akeeka dhokataa tarkaanfachiisan ilaalcha qobxummaa babal'isuu fi sab-boonummaa dhugaa kolaasuu duwwaa irratti hin dhaabbanne. Jaarmayoota Oromoo keessatti, qabsaa'ota haqaa kallatiin, akkasuma jaarmayoota walabaa Oromoo kan biroo keesstti ammoo akkaataa aanjaween ukkaamsaa ardha gayan. Miseensi tokko yoo yaada hogganoota abbaa-irree hin fudhatin, hireen isa eeggatu ukkaamamuu yookin dhabamuu dha. Jaarmayaan Oromoo tokko yoo walaba tayee qabsoo Oromoo tiif gumaacha jedhe, carraan isa eeggatus ukkaamamuu yookin dhabamuu dha.
Murnoonni ammaan tana ABO bakka lamatti cabsanii ifatti bayan, bara dheeraaf miseensotaa fi jaarmayoota Oromoo keessaa fi alaan ukkaamsaa turan. Ardhallee ukkaamsaa jiran. Miseensota, dharaa fi shira isaan xaxan irratti dammaqan xurii hin-jirre dibanii maqaa dharaa itti baasanii ukkaamsu. Kan harka isaanii keessa jiru ni dhabamsiisu. Hireen jaarmayoonni Oromoo walabaan birollee dhandhamaa jiran kanuma. Akkaataan ULFO-n itti ukkaamsamee hafelleen dhugaa kana daran guyyaasa. Gaafa duraa ULFO-n akeeka murna Shanee Gumii tii fi Qaama Ceehumsaa tarkaanfachiisa jedhamee uumame. Garuu, oolee bulee ULFO-n meeshaa akeeka murnoota kanneennii bakkan gawu ta'uu didnaan, diiguu fi balaaleffatu-tti gadi taa'an. Safuu Oromummaa meeshummaa! Safuu siyaasaa wal-ukkaamsaa! Barreessama armaa gaditti dhiyeessinu keessati, falaan falii dhibdee kanaa akeekna:
Hanga ammaatti Qaanqeen Bosonaa, ukkaamsaa gabroomfattoota Toophiyaa ti fi ukkaamsaa nyaapha qabsoo Oromoo keessaa jalaa dandamatee, dhara saaxilaa, dhugaa irratti cichaa, haaduu gama lamaa tiin muramaa ardha gayee jira. Akka ayyaanlaallatootaa fi ukkaamsitootni jedhan san, Qaanqeen Bosonaa sagalee nama tokkoo yookin murna xiqqoo osoo hin tayin, gurmuu walabaa kaayoo xaliilaan socho'uu fi deeggarsa qabsaa'ota Oromoo qabuu dha. Akkuma kaleessaa san ardhas sochoo'aa jira. Deeggersa ummata Oromoo-llee qaba. Qabsoo bilisummaa Oromoo bakka itti kuftee ol-kaasuuf, "kaayyoo dhugaa jalatti, gamtaan-qabsaa'ota-Oromoo deebi'ee itituu qaba" jedhee amana.
Qaanqeen Bosonaa, akka sagalee walaba qabsoo Oromoo keessaa morodamee bayeetti tokkotti dirqama isa irraa eeggamu bakkaan gawuuf qophii dha. Xurree qajeltuu qabsoon walabummaa Oromoo deebitee ittiin hafura godhatu akkuma akeekaa ture, ammas fulduras itti fufa.
Qaanqeen Bosonaa, dhibdeelee sadeen asii olitti xiinxalline, 'irree qabsaa'ota fi ummata Oromoo bal'aa sochoosuu dhaan irra aanna' jedhee amana. Ardha-llee akkuma irra deddeebinee hubachiisaa turretti: kaayoo, taarsimoo, jaarmayaa fi
karoora ummata bal'aa ammate irree tokkoon tolfatnee, dhibdee qabsookeessaa
irra aannee, hamilee fi daamboobaan warraaquu dha jedha, Qaanqeen Bosonaa.
Qorichi dhibdee keessaa, irree warraqxotaa tiin argama!
Gamtaan Qabsaa'ota Oromoo qabsoo dhugaa keessaa dhalata!
Qopheessitoota Qaanqee Bosonaa